Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Dooniwwan fe’umsaa haaraa 6 bituufi jedhame

Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan Dooniwwan fe’umsaa haaraa 6 bituuf ta’uu Tajaajilli Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa beeksiise.

Kanneen keessaa 2 bara Baajataa kana bitamanii gara hojiitti akka galaniif kallattiin kaa’amee hojjetamaa jiraachuus tajaajilchi Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himeera.

Dooniwwan lamaan kunneen Dooniiwwan Fe’umsa Bittinnaa’aa Gogaa Altiraamaaksii jedhaman yoo ta’an, Toonii kuma 62 fe’uu kan danda’anii jedhame.

Sadi ammoo konteenara kan fe’an yoo ta’an, Konteenaroota kuma 3 – 4 fe’uu danda’u.

Dooniwwan guguddoo fi haaraan kunneen Galii Daldala Alaa biyyattii dabaluuf qooda olaanaa qabaachuus himameera.

Dooniwwan 4 ammoo Bara Baajataa itti aanu keessa bittaan isaanii raawwatama jedhame.

Yeroo ammaa biyyattiin Dooniwwan 10 kan qabdu ta’uun ibsameera.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.