Itiyoophiyaan fooramii oomisha mandhalee idil-addunyaarratti hirmaachaa jirti
Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) –Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaafi hoggantoonni biroon fooramii oomisha mandhalee idil-addunyaa 3ffaarratti hirmaachaa jiru.
Fooramichi qindeessummaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaan Eemireetota Araba Gamtoomanii magaalaa Abuu Daabiitti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Maqdas Dhaabaan hojiilee Itiyoophiyaan oomisha qorichootaafi galteewwan yaala fayyaa biyya keessaatti oomishaa jirtu ilaalchsee ibsa kennaniiru.
Dabalataan yeroo itti aanutti damichaan dhimmoota sadarkaa biyyaa, ardiifi idil-addunyaatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti ibsa kennuu ragaan Embaasii Itiyoophiyaa Abuu Daabiitti argamu irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia