Itiyoophiyaan guddina itti fufiinsa qabu galmeessaa jirti-Kiristaaliinaa Joorjiyeev
Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaa dameewwaan qonnaa, tajaajilaa fi kanneen biroon guddina itti fufiinsa qabu galmeessaa jiraachuu Daayrektarri Olaantuu Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Joorjiyeev ibsan.
Kirstaalinaa Joorjiyeev, Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee waliin ta’uun, turtii Itiyoophiyaatti taasisan ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin Itiyoophiyaatti yeroo gabaabaa keessatti daawwannaa milka’aa taasisuu ibsanii, mallattoo Afrikaanotaa Yaadannoo injifannoo Adwaa daawwachuu Daayrektarittiin ibsaniiru.
Fooyyessiin Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa adeemsa gaariirraa akka jiru kaasaniiru.
Damee dhuunfaaf carraa bal’aan uumamuu hubachuu kan kaasaan Kiristaaliinaa Joorjiyeev, dameewwan qonnaa fi tajaajilaa, guddina waaraa galmeessuun qaala’iinsa gatii hir’isuuf bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti guddinni invastimantii dabalaa jiraachuu ibsanii, Finfinneenis magaalaa miidhagduu ta’aa akka jirtu arguu dubbatan.
Rifoormiin Diinagdee Gooroo yeroo kan gaafatu waan ta’eef, kutannoon hojjechuu akka barbaachisu itti yaaduun Itiyoophiyaaf abdii qabeessaa jechuu TOI gabaseera.
Obbo Ahimad Shideen gama isaanii, Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa deeggarsa bu’aa qabeessaa taasisaa jiruuf galateeffatanii, fooyyessii Diinagdee Gooroo mootummaan taasiseen sharafni alaa gabaa akka murteessu taasiseera jedhan.
Mootummaan fooyyessi imaammata maallaqaa fi fiiskaalaa taasiseen guddinni diinagdee waaraan galmaa’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan invastaroota alaaf banaa ta’uu ibsanii, Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf deeggarsi dhaabbatichaa cimee akka itti fufu gaafataniiru.
#Oromia #Ethiopia