Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hojiiwwan biyyoota biroof fakkeenya ta’an hojjechaa jirti jedhame

Finfinnee, Ebla 13, 2017 (FMC) – Milkaa’inni Itiyoophiyaan misooma qonnaarratti argachaa jirtu biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uu gorsaan Ministira Qonnaa Zeenaa Habtawaldi ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Sagantaa Misooma Qonnaa Afrikaa keessatti raawwii gaarii akka qabduu fi karoora misoomaa ishee keessatti ulaagaalee sagantichaa hojiirra oolchuun ishee bu’aa argame galmaan ga’uuf gumaacheera jedhan.

Milkaa’inni inni misooma qamadii, xaa’oo magariisaa, maaddii guutuu fi hojiiwwan misooma qonnaa birootiin argamaa jiru biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Akka Qindeessaan Sagantaa Sirna Nyaataa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa(IGAD) Dooktar Sanaayit Raggaasaa jedhanitti, biyyoonni miseensa IGAD qonna haala qilleensaa dandamatu misoomsuuf hojiin hojjechaa jiran caalmaatti bu’a qabeessa akka ta’uuf deeggarsa kennaa jira.

Sagantaan kun oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, imaammata qonnaa bu’a qabeessa gochuu, sirna odeeffannoo qindaa’e bulchuu irratti gargaarsa ogummaa kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Hojiin qonna ammayyeessuun teeknooloojiin deeggaruu daran cimee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.