Itiyoophiyaan Invasteroota Jaappaaniif mijattuu ta’uu ibsame
Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan Invasteroota Jaappaaniif mijattuu ta’uu hirdofee Dhaabbileen adda addaa misooma Invastimantii Itiyoophiyaarratti hirmaachaa jiraachuun ibsameera.
Jilli Daldalaa Jaappaan irraa dhufan 50 ta’an kan itti hirmaatan simpooziyeemiin Daldalaa fi Invastimeentii Itiyoo Jaappaan Finfinneetti eegalameera.
Hojimaatileen seeraa fi Daladalaa Itiyoophiyaan hordoftu jajjabeessoo waan ta’aniif Mootummaan invasteroota Jaappaan waliin tumsaan kan hojjetu ta’uu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen dubbataniiru.
Ministir-Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan gama isaaniin Itiyoophiyaa fi Jaappaan hariiroo cimaa fi seenaqabeessa ta’e qabaachuu dubbataniiru.
Siimppooziyamiin Daldalaa fi Inveestimeentii kunis filannoowwan fi bu’aawwan Invastimeentii Itiyoophiyaan qabdu caalmaatti beeksisuuf kan gargaaru jedhan.
Fooyyessi Diinagdee Gooroo haala mijataa uumeetti fayyadamuun dhaabbileen daldalaa Jaappaan dameewwan daldalaa fi invatimeentii irratti akka hirmaatan gaafataniiru.
Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dhaabaa Dabalee gama isaaniin hariiroo daldalaa fi invastimeentii biyyoota lameenii caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shibaataa Hiironoorii ammoo biyyattiin invasteroota Jaappaaniif mijattuu ta’uu isheetiin dhaabbileen hedduun hirmaachaa jiraachuu himaniiru.