Itiyoophiyaan mirgi namoomaa akka kabajamuu fi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf kutannoon hojjetti-Aadde Haannaa Ar’ayasillaasee
Finfinnee, Guraandhala 17, 2017 (FMC)– Itiyoophiyaan mirgi namoomaa akka kabajamuu fi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf kutannoon kan hojjettu ta’uu Ministirri Ministeera Haqaa Aadde Haannaa Ar’ayasillaaseen ibsan.
Aadde Haannaan Waltajjii Mana Maree 58ffaa Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomaniirratti hirmaataniiru.
Itiyoophiyaan Miseensa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii taatee filatamuun galateeffatanii, biyyi isaanii walta’iinsa Idil Addunyaa cimsuu fi qormaatilee mirga namoomaa mul’atan biyyoota miseensa mana marichaa biroo waliin furuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Biyyattiin waliigalteewwan mirgoota namoomaa raggaasisuun tarkaanfiilee qabatamaa fudhachuu fi bu’aalee isaa irratti wixineewwan seeraa akka tumamanii fi dhaabbilee cimsuuf gumaacha taasisu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan haqa dabe sirreessuu fi nageenya waaraa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, araara biyyaalessaa dhugoomsuu irratti bu’uureffachuun, imaammata haqa ce’umsaa bocuun hojiirra oolmaa isaa bu’aa qabeessa taasisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Adeemsa isaas hirmaachisaa, hundagaleessaa fi amanamaa taasisuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataan waliigaltee biyyaalessaa uumuuf qophii marii biyyaalessaa taasisaa jiraachuu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia