Itiyoophiyaan Konfiraansii Raayyaa Ittisaa Idil Addunyaarratti hirmaachaa jirti
Finfinnee, Guraandhala 12, 2017 (FMC) – Jilli Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humna Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan durfamu Konfiraansii Raayyaa Ittisaa Idil Addunyaa Faransaayitti taa’amaan jirurratti hirmaachaa jira.
Agarsiifnii fi Konfiraansichi hanga Guraandhala 21, 2025tti kan turu yoo ta’u, muuxannoo idil addunyaa Guddina Indaastirii Waraanaaf faayidaa qabu argachuuf gargaara jedhame.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Konfiraansicha cinaatti gita isaanii Emireetoota Araba Gamtoomanii Isaa Saayif Mahaammad Al Maazro’ii fi hoggantoota olaanoo biroo waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’achuu ragaan Abudaabiitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia