Itiyoophiyaan Kooriyaa Kibbaaf michuu murteessaadha- Ambaasaaddar Dasee Daalkee
Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Hirmaannaa Kooriyaan Kibbaa gama daldalaafi invastimantiin Afrikaatti taasistuuf Itiyoophiyaan michuu murteessaa ta’uu Kooriyaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dasee Daalkeen ibsan.
Carraalee Itiyoophiyaan gama ji’oopolitiksii, diinagdee, bu’uuraalee misoomaa fi humna namaan qabdu sochii daldalaafi invastimantii biyyattiin Afrikaatti taasistuuf carraa gaarii ta’uu eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaatti dameewwan indaastirii oomishaafi ijaarsaa irratti hiraachaa jiraachuu eeruun, daran cimsani akka itti fufan turtii Kooriyaa Heeraald waliin taasisaniin gafataniiru.
Kanaaf ammoo waltajjiiwwan daldalaafi invastimantii qopheessuun akka barbaachisu kaasuun, Itiyoophiyaan invastimantii hawwachuuf jajjabeessituuwwan hojiirra oolan ibsaniiru.
Kooriyaan Kibbaa Itiyoophiyaatti dameewwan barnootaa, fayyaa, inarjiifi teeknooloojiif deeggarsa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Hayilamaariyaam Taganyitu qindeesse.
#Oromia #Ethiopia