Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan michummaa Raashiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti – Obbo Taaggasee Caafoo

Finfinnee, Guraandhala 12, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan michummaa dameewwan garaagaraan Raashiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsitee kan itti fuftu ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoon ibsan.

Obbo Taaggasee Caafoon jila Dursa Teessuu Mana Maree Federeeshinii Raashiyaa Vaalatiinaa Maativeenkoon durfamu waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan tumsa dameewwan qabeenya diinagdee, Paarlaamentaawaa, Daldalaa fi Invastimantii bara dheeraa Raashiyaa waliin qabdu caalmaatti kan cimsitu ta’uu Obbo Taaggasee Caafoon maricharratti kaasaniiru.

Vaalatiinaa Maativeenkoon gama isaaniin, biyyoonni lamaan michummaa damee qabeenya diinagdee, Daldalaa fi Investimantii bara dheeraa waliin qaban caalmaatti cimsuuf Raashiyaan fedhii qabaachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.