Itiyoophiyaan muuxannoo oomisha qamadii fi ashaaraa magariisaan qabdu qoodde – Obbo Tasfaahun Gobazaay
Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaa irratti muuxannoo fi bu’aa oomisha qamadii fi ashaaraa magariisaan galmeessiste biyyoota biroof qooduu Tajaajilli kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Ministir Deettaan tajaajilichaa Tasfaahuun Gobazaay ibsa kennaniin bu’aawwan yaa’ii hoggantootaa 38ffaa irraa argaman keessaa tokko milkaa’inaa fi maqaa gaarii biyyattii addunyaatti beeksisuudha jedhan.
Damee qonnaan milkaa’ina oomisha qamadiin galmeessite biyyoota biroof qooduu himaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’icha irratti haasawa taasisaniin bu’aalee gama misooma qamadii fi ashaaraa magariisaan galmaa’an hirmaattotaaf ibsuu kaasaniiru.
Yaa’icha akka carraatti fayyadamuun iddoolee hawwata tuurizimii beeksisuun hojiiwwan hedduun hojjetamuu himaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee gara fuula duraatti yaa’ii idil-addunyaa qopheessuu qophii gahaa qabaachuu agarsiisuus dubbataniiru.
Jiraattonni magaalichaa yaa’ichi jalqabee hanga xumuramutti karaa aadaa keessummaa simachuu fi naamusa gaarii Itiyoophiyaanotaa mul’iseen simannaan keessummootaaf taasisan kan galateeffatamu ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa