Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa beektee hin xumurre qabdi – Injiinar Haabtaamuu Taganyi

Finfinnee, Bitootessa 28, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan qabeenya damee Albuudaa beektee hin xumurre hedduu qabaachuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Haabtaamuu Taganyi ibsan.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa hedduun qabeenya Albuudaa qaban adda baasanii kan hin beekne ta’uu eeruun, damichaan hojiileen hin hojjetamne baay’een jiraachuu himaniiru.

Qabeenya Albuudaa jiru adda baasanii beekuu fi qabeenya jiru baruun hojii hedduu kan gaafatu ta’uu kaasaniiru.

Qabeenya Albuudaa jiruu fi eessatti akka argamu adda baasanii beekuuf waggoota meeqa fudhachuu akka danda’u qulqulleessuun murteessaadha jedhan.

Dameewwan Albuudaa hundarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Damichi Invastimantii, Teeknooloojii fi yeroo kan gaafatu ta’uus kaasaniiru.

Qabeenyicha adda baasanii beekutu cimaadha malee hojiin albuuda baasuu salphaadha jedhan.

Qabeenya Albuudaa adda baasuun faayidaaf oolchuuf hojiileen waggoota hedduu gaafatan akka jiran eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.