Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan qabiyyeewwan Al-Shabaab irratti haleellaa Qilleensaa raawwatte

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Somaaliyaa Godina Shabaleetti bakkeewwan qubannaa garee Al-Shabaab irratti haleellaa raawwachuu Ministeerri Ittisaa Somaaliyaa beeksise.

Ministirri Raayyaa Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nuur, Humnoonni Qilleensaa Itiyoophiyaafi Somaaliyaa garee Al-shabaab magaalittii lo’ee seenuun to’atee ture irratti tarkaanfii fudhatame keessatti Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa hirmaachuu mirkaneessaniiru.

Haleellaa Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa garicharratti fudhate tumsa biyyoota lameeniin ta’uu eeraniiru.

Haleellichi garichi gara magaalota garaagaraatti akka hin babal’anneefi gurmaa’iinsa isaas kan dadhabsu ta’uun ibsameera.

Waliigaltee Ankaaraa hordofee tumsi biyyoonni lameen dhimmoota nageenyaarratti qaban guddachaa dhufuu eeruun, tarkaanfii Itiyoophiyaan qabiyyee Alshabaabirratti fudhatte kanaaf agarsiistuu ta’uu dubbataniiru.

Haleellaa qindaa’aan kun garee shororkeessaa idil-addunyaa akka Al-Shabaab dadhabsiisuuf tumsi naannawaafi gamlamee barbaachisaa ta’uu kan hubachiisu jedhan.

Yeroo dhiyoo dura Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaamud gara Finfinnee dhufuun Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad waliin haala hariiroo gamlamee cimsuun danda’amurratti mari’achuun ni beekama.

Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gara Somaaliyaatti imaluun Pireezidaanti Hasan Sheek Mahaammud waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun ni yaadatama.

Mariisaaniin, dhimmoota nageenyaafi tasgabbii, diinagdee, dippiloomaasii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qindaa’aa dabalatee dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad “ Walitti hidhamiinsi naannawaa mul’ata waloo keenyaa dhugoomsuuf baay’ee barbaachisaadha; guddina waloo keenyaaf itti fayyadamuu kan dandeenyu gahumsa guddaa qabana; qofa qofaa guddachuu hin dandeenyu; waloon yoo dhaabbanne egeree gaarii qabaanna” jechuun ibsuun isaanii kan yaadatamudha.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammud gamasaaniin, tumsi naannawaa dhimmi murteessaa ta’uu eeruun, tumsaan hojjechuun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.