Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan rakkoolee naannawaa furuuf tumsaan hojjechuu akka itti fuftu ibste

Finfinnee, Ebla 3, 2017(FMC)- Itiyoophiyaan rakkoolee naannawaa furuuf Gamtaa Awurooppaa dabalatee qaamolee qooda fudhattootaa waliin tumsaan hojjechuu akka itti fuftu ibste.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Gamtaa Awurooppaatti Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aneet Weebar waliin dhimmoota gam-lameefi naannawaarratti mari’ataniiru.

Rakkoolee naannawaa furuuf furmaata siyaasaa hammataa akkasumas tattaaffii qindaa’aa kan barbaachisu ta’uu Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsaniiru.

Gama Kanaan Itiyoophiyaan Gamtaa Awurooppaa dabalatee qaamolee qooda fudhattoota biroo waliin tumsaan hojjechuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Dooktar Aneet Weebar gamasaaniin, gahee Itiyoophiyaan rakkoo naannawichaa furuuf bahachaa jirtu dinqisiifataniiru.

Fuulduratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.