Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan sirna tajaajila fayyaa fooyyessuuf kutannoon hojjechaa jirti-Dooktar Maqidas Dhaabaa

Finfinnee, Amajjii 26, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan sirna tajaajila fayyaa fooyyessuuf kutannoon hojjechaa jiraachu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqidas Dhaabaan ibsan.

Dooktar Maqidas Dhaabaan Yaa’ii Boordii Hoji Raawwachiisaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa 156ffaa Jeneevaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Dooktar Maqidas waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaa, galteewwan wal’aansaa biyya keessatti oomishuu akkasumas faayinaansii fayyaarratti xiyyeeffannaan hojjechaa jirti.

Itiyoophiyaan sirna tajaajila fayyaa waliigalaa gama guddisuun kutannoo qabdu ibsanii, sirnicha fooyyessuuf walta’iinsi fi tumsi jiru akka cimuuf gaafataniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa damee fayyaan dambiiwwanii fi sadarkaalee Idil Addunyaa gama baasuun gahee olaanaa qabaachuu himanii, deeggarsa biyyootaaf taasifamu akka cimsu waamicha dhiyeessaniiru.

Milkaa’ina dambiiwwan dhaabbata fayyaa Addunyaa dhiyeenya fooyya’erratti galmaa’e dinqisifatanii, biyyoonni miseensaa hundi waliigaltee weeraraa dhaabbatichaa bara Faranjootaa Caamsaa 2025 akka xumuran gaafataniiru.

Yaa’ichi har’aa eegalee baajata sagantichaa, faayinaansii waaraa akkasumas dhimmoota walfakkaataan biroorratti ni mari’ataan kan eegamu ta’uu ragaan Jeneevaatti Waajjira Ergamaa Dhaabbiirraa Itiyoophiyaarraa aragme ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.