Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan teessoo Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhibeewwanii Afrikaa ta’uu isheen kabajatu itti dhaga’ama-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) –  Itiyoophiyaan dhaabbata fayyaa hawaasa addaa Gamtaa Afrikaa kan ta’e Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhibeewwanii Afrikaa (Africa CDC) ta’uu isheen kabajatu itti dhaga’ama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Laaboraatooriiwwanii fi dandeettiin qorannoo giddugalichaa  dhibeewwan ittisuurra darbee dhibeewwan daddarboof deebii kennuu  keessatti gahee olaanaa kan bahatan ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Carraan kun damee qorattoonnii fi ogeeyyiin fayyaa tattaaffii qorannoo biyyaalessaarratti hirmaachuun laaboraatorii ammayyaatti akka fayyadamaniif ni deeggaras jedhan.

Biyyoonni miseensaa tumsitoota waliin ta’uun dhaabbaticha cimsuu qabus jedhan.

Kanaafis Dureewwan Afrikaa dhaabbatichi  tajaajila fayyaa sadarkaa aArdiitti akka Guddisuuf hojii adda duree taasisurratti itti gaafatama guutuun akka waltumsinu waamichaan dhiyeessa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.