Itiyoophiyaan Yaa’ii Gamtichaa milkaa’inaan keessummeessaa jirti-TKM
Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii 38ffaa Gamtaa Afrikaa haala milkaa’aa ta’een keessummeessaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Yaa’iin 38ffaan Gamtaa Afrikaa magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa jira.
Ministir Deetaan tajaajilichaa Tasfaahuun Goobazaay, yaa’ii gamtichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, walga’ii 46ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaarrattii Itiyoophiyaan miseensa Mana Maree Nageenyaa Gamtichaa ta’uun filatamuun ishee milkaa’ina olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Dureewwan biyyoota Afrikaa yaa’icharratti hirmaatanis kabajaan simachuun keessummeessaa jiraachuu dubbataniiru.
Yaa’icharratti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haasawaa taasisaniin, Itiyoopiyaan yaadamaa Paan Afrikaaniizimii dagaagsuu dabalatee Gamtaa Afrikaa cimsuuf gumaacha olaanaa taasisuu himanii kanaas cimsitee akka itti fuftu kaasuu ibsaniiru.
Keessumaa walta’iinsaa fi bu’uuraalee misoomaan Afrikaa tokkoomte uumuuf Afrikaanota obboleeyyaan biroo waliin kan hojjettu ta’uu dubbachuu TOI gabaaseera.
Damee qonnaan bu’aa galmeessitees Afrikaanotaaf fakkeenya akka ta’u ibsuusaanii eeraniiru.
#AU #Oromia #Ethiopia