Itiyoophiyaatti daddabarsi maallaqaa karaa dijitaalawaa Birrii tiriiliyoona 9.7 qaqqabuun ibsame
Finfinnee, Guraandhala 22, 2017 (FMC)– Itiyoophiyaatti waggoota afuriin dura daddabarsi maallaqaa karaa dijitaalawaa Birrii biiliyoona 50 gadi ture yeroo ammaa Birrii tiriiliyoona 9.7 qaqqabuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi ibsan.
Itiyoophiyaan ce’umsa dijitaalaawaa ishee milkeessuuf karoora misoomaa waggoota 10 irraa kan waraabame tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa hojiirra oolchaa jiraachuun ni beekama.
Tajaajilaa eenyummeessaarraa eegalee sirni daldalaa karaa teeleebirrii, moobaayiil baankiingii fi filmaatawwan biroon raawwatamuun daldalli dijitaalawaan baratamaa dhufeera jedhan.
Sirna faayinaansii dabalatee dameewwan hundaan, milkaa’inaaleen Itiyoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisan galmaa’uu ibsanii, bittaan mootummaadhaan karaa dijitaalawaa gaggeeffamus waltajjiiwwan Idil Addunyaarratti dorgomaa kan taasisu sirni dijitaalawaa uumamuu ibsuu TOI gabaaseera.