Itiyoophiyaatti hanga ammaatti namoonni 172 wal’aansa tajaajila Kalee bakka buusuu argachuun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaatti bara 2009 irraa eegalee hanga ammaatti namoonni 172 wal’aansa tajaajila Kalee bakka buusuu argachuun ibsameera.
Koolleejjiin Meedikaalaa Qiddus Paawuloos bara 2009 irraa eegalee dhukkubasattoota kalee 172’f wal’aansicha kennuun ibsameera.
Hospitaalichi humna namaa gahaa haa qabaatu malee, dhiphina kutaa wal’aansaafi meeshaa qabaachuu kan ibsame yoo ta’u, kun immoo tajaajila isaa waliingahuuf qormaata itti ta’uun eerameera.
Kutaalee biyyattii garaagaraattis guddugaloota tajaajila akka Kanaa kennan babal’isuun barbaachisaa ta’uun hubachiifameera.
Salamoon Yittaayyawutu gabaase.