Itiyoophiyaatti hojii oomisha konkolaattota elektirikii irratti bobba’uun bu’aa qabeessa ta’uun ibsame
Finfinnee, Bitootessa 23, 2017(FMC) – Itiyoophiyaatti hojii oomisha konkolaattota elektirikiin hojjetan irratti bobba’uun bu’aa qabeessa ta’uun ibsameera.
Qabeenya anniisaa haaromfamaa Itiyoophiyaan qabdu fayyadamuun geejjiba magariisaa babal’isuuf mootummaan hojjechaa jiraachuus eerameera.
Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen bakka bu’oota dhaabbata Chaayinaa ‘Shaanhaay Laawunch Diizaayin Awutoomootiivi’ waliin mari’ataniiru.
Dhaabbatichi konkolaattota elektirikii nam-maleeyyii dabalatee Awutoomoobiloota, Awutoobisiiwwaniifi konkolaattota fe’umsaa kan oomishu ta’uu bakka bu’oonni dhaabbatichaa eeraniiru.
Hojii Gaggeessaan dhaabbatichaa Wuu Shaawuhaan, dhaabbatichi Itiyoophiyaatti konkolaattota elektirikiin hojjetan oomishuu akka barbaadu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksiirraa argame ni mul’isa.
Dooktar Alamuu Simeen gamasaaniin, dhaabbatichi Itiyoophiyaatti damee kanarratti yoo bobba’e bu’aa qabeessa akka ta’uufi deeggarsi kan taasifamuuf ta’uu dubbataniiru.