Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan lammiileeshee balaaf saaxilamaan %70 dandeetti isheen deeggaraa jirti-Komishinar Mitikkuu Kaasaa

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan lammiileeshee balaa uumamaa fi nam-tolcheetif saaxilamaan keessaa %70 ta’aan dandeetti isheetiin  deeggaraa jiraachuu Komishiniin Hoggansaa Sodaa balaa ibseera.

Guyyaan hir’isa balaa idil addunyaa mata duree ‘ waloon nageenya biyya keenyaaf’ jedhuun Finfinneetti kabajameera.

Kabaja guyyichaarratti dhaabbilee idil addunyaa ittisa balaarratti hojjetanii fi qaamoleen dhimmi ilaallatuu argamaniiru.

Komishinarri Koomishii hoggansa sodaa balaa Mitikkuu Kaasaa akka ibsaniitti, sadarkaa idil addunyaatti jijjiirraama qabeenya qilleensatin balaan qaqqabaan dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan adeemsa kana keessaatti  balaawwan nam-tolchee fi uumamaa baldhinaan keessuummaassaa turuu fi ammaalleee itti fufuu TOI gabaaseera.

Guyyaan hir’isa ittisa balaa idil addunyaa sadarkaa idil addunyaatti yeroo 44ffaaf akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 13ffaa kan kabajameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.