Jijjiiramni ummannii fi Mootummaan Itiyoophiyaa tokkummaan galmeessan ajaa’ibsiisadha – Mootii Isiwaatiinii
Finfinnee, Guraandhala 9, 2017 (FMC) – Milkaa’inni ummannii fi Mootummaan Itiyoophiyaa tokkummaan galmeessan ajaa’inbiisaa ta’uu Mootiin Isiwaatiinii Miswaatii Saalsaawiin ibsan.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Mootii Isiwaatiinii Miswaatii Saalsaawii masaraa biyyaalessaa daawwachiisaniiru.
Bara Faranjootaa 1986 irraa kaasee mootii Iswaatiinii kan ta’an Miswaatiinii Saalsaawwii wayita masaricha daawwatanitti, masaraan daawwatan seenaa hedduu akka ofkeessatti qabate arguu fi gammaduu isaanii ibsaniiru.
Gaggeessitoonni Afirikaa duraanii tokkummaa Afrikaaf kan itti mari’atan, maaddii waliin kan itti qoodatan, walumaagala murtiiwwan carraa Afrikaa murteessan kan itti dabarsan ta’uu isaan adda ta’a jedhan.
Kunis Mootii Haayila Sillaasee dabalatee qooda Itiyoophiyaan Afrikaatiif gumaachite kan mul’isu ta’uu dubbatan.
Turtii isaaniin jijjiiramoota ajaa’ibaa keessumaa tattaaffii mootummaa fi uummmatni tokkummaan taasisaniin bu’uuraalee misoomaan, teeknooloojii fi karaalee misoomaa biroon jijjiiramoota ajaa’ibsiisoo arguu isaanii ibsanii, mootummaa fi uummata Itiyoophiyaan baga gammaddan jechuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ityoophiyaa