Jijjirrama hawaas-diinagdeerratti xiyyeeffannaa addaan kan hojjatamu ta’uu Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa ibse
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) –Waltajjiin Gamaggama raawwi hojii Mootummaa fi paartii Sadarkaa Naannoo,Godinaaleefi Magaalotaa kurmaana 1ffaa,Adaamatti guyyoota lamaaf gaggeeffama ture kallattii fulduraa kaa’uun xumurame.
Waltajjichanis damee qonnaan oomishni qamadii jallisii fi qonni kilaasteraa,raawwiin ijaarsa proojektoota manneen barnoota ‘Ifa Boruu’ akka ciminaatti ka’aniiru.
Akka hanqinaatti proojektoota buleeyyii yeroon xumursiisuu dhabuu ,calbaasin proojektoota harkifataa ta’uu fi kenna tajaajilaarratti hanqinni jiraachuu adda ba’uu hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa ibsa kennanin kan eeraniiru.
Rakkoo kenna tajaajilaa mudataa jiru furuu, carraa hojii baadiyaa fi magaalaa uumuurratti xiyyeeffannan akka hojjatamu preezdaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaatin kallattii kaa’aniiru.
Kanamalees, muuxxannoo oomisha qamadii jallisiin godinaalee muraasatti argame godinaalee kaanitti babal’isuu, proojektoota bu’uura Boruu xumursiisuuf hoggansaaf kallattiin kaa’ameera.
Oomishni ga’ee ooyiruurratti argamuu tumsaan of daggannaa malee akka sassaabamuu akka qabu kallattiin kaa’amuu obbo Hayiluun ibsaniiru.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.