Jilli Biiznasii Chaayinaa Zoonii Diingadee Addaa Boolee Lammii fi Qilinxoo daawwate
Finfinnee, Guraandhala 18, 2017 (FMC) – Jilli Biiznasii dura Taa’aa Mana Maree Babal’ina Daldala Idil Addunyaa Chaayinaan durfamu Zoonii Diingadee Addaa Boolee Lammii fi Qilinxoo daawwateera.
Haala bu’uuraalee misoomaa, hirmaannaa abbootii qabeenyaa fi sochii hojii waliigalaa daawwateera.
Miseensonni jilichaa abbootiin qabeenyaa Chaayinaa Zoonii Diinagdee kana keessatti akka bobba’an hojii beeksiisuu kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
Zooniwwan Diinagdee Korporeeshinii Misoomaa Paarkiiwwan Indaastiriin bulan keessatti abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hedduun hojii eegaluu isaanii ragaan Korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia