Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti lafa hektaara kuma 40 ol irraa Buna gamashuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)-Godina Jimmaatti lafa hektaara kuma 40 ol irraa buna gamashuun hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Godinicha Aanaa Maannaatti hojiin duulaan buna dulloome gamashuu fi buqqisuu eegaleera.

Biqilaa bunaa waggaa waggaan dhaabamuun cinaatti buna yeroo dheeraaf firii kennaa turuun dulloomee, hangi firii isa gadi bu’e mala gamashuutiin misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Tamaam gama isaaniin, Buna dulloomee Oomishtummaan isaa gadaanaa ta’e lafa hektaara kuma 40 ol irraa hojiin gamashuu fi buqqisuu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.