Fana: At a Speed of Life!

Jimmatti konfiraansiin nageenyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) – Magaalaa Jimmaatti konfiraansiin nageenyaa gaggeeffamaa jiraachuun ibsame.
Konfiraansichi mata duree “ Amantiin nageenya, waloomaa fi tokkummaaf” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.
Konfiraansichi Gumii dhaabbilee Amantaalee Naannoo Oromiyaan kan qophaa’e yoo ta’u, nageenyaa fi tokkummaa lafa qabsiisuu irratti kan xiyyeeffateedha jedhame.
Itti aanaan walitti qabaa Gumii dhaabbilee Amantaalee Oromiyaa Sheek Gaalii Muktaar, nageenyi barumsa ijoo dhaabbiilee amantii hundaa ta’uu dubbataniiru.
Bakka nageenyi hin jirretti qotatanii hammachuun, daldalanii buufachuu fi dahanii dhungachuun rakkisaa akka ta’e himaniiru.
Kanaafis dhaabbileen amantaalee nageenyi barumsa isaanii ijoo ta’uu akka qabu eeran.
Kantiibaan Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar gamasaaaniin, Jimmaa fi naannawaa ishee hordoftoonni amantii garaagaraa baroottan dheeraaf kabajaan waliin jiraachuu eeruun kana cimsanii akka itti fufaniif hojjetamaa jira jedhan.
Bulchaan godinichaa obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniitiin, dhaabbiilee fi abbootiin amantii nageenya godinichaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa bahataa jiraachuu ibsaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.