Fana: At a Speed of Life!

Ji’oota 6’tti miseensota Buusaa Gonofaa miiliyoona 4.8 horachuun danda’ameera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)-Ji’oottan Ja’an Darbanittimiseensotaa buusaa Gonofaa miiliyoona 4.8 hrachuun akka danda’ame Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan eeran.

Pireezidaanti Shimallis gabaasa raawwii baatiiwwan ja’an darbanii Caffee Oromiyaaf dhiyeessaniin, balaawwan uumamaa fi namtolchee mudatan dandamachuuf, yeroo rakkoon uumamuttis harka ormaa ilaaluu keessa ba’uun, aadaa fi duudhaa yeroo rakkoo waliif birmachuu Sirna Gadaa keessaa, Sirni Buusaa Gonofaa hojiirra oolaa jiraachuun ibsameera.

Ji’oottaan ja’an darbanittis, miseensota miiliyoona 4.8 horachuun waliigalaan miseensota Buusaa Gonofaa miliyoona 27 horachuun akka danda’ame himaniiru.

Gama biraatiin hawaasni aadaa fi duudhaa isaa gabbifatee naannoo isaa yeroo, humna, beeksumsa, ogummaa fi qabeenyaa qabuun tajaajila lammummaa gosoota garaagaraa Birri biiliyoona 222tti tilmaamamu raawwachuun saffisa misooma Naannoo Oromiyaaf akka gumaachu taasifameera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.