Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee ajandaalee lamarratti murtoo dabarse
Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC) – Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Walga’ii Idilee 8ffaa bara hojii 4ffaa taa’een ajandaalee lamarratti murtoo dabarseera.
Haaluma kanaan wixinee labsii hojjetoota mootummaarratti mari’achuun Mana Maree bulchiinsa magaalichaaf akka dhiyaatu qajeelchera.
Akkasumas wixinee labsii Dhaabbilee Barnoota, Ogummaa fi Teeknikaa irra deebiin hundeessuuf dhiyaaterratti mari’achuun Mana Maree bulchiinsa magaalichaaf akka dhiyaatu murtoo dabarsuu ragaan Waajjira Kaantiibaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia