Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Nageenyaa Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas waliin taasifame raggaasise

Finfinnee, Amajjii 9, 2017 (FMC) – Kaabineen Nageenyaa Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas waliin dheegganta taasifame raggaasiseera.
Kaabineen biyyattii dhimmoota siyaasaa, Nageenyaa fi Namoomaa erga qoratee booda waliigalticha raggaasisuu Waajjirri Ministira Muummee Israa’el ibsa baaseen himeera.
Kaabineen Nageenyaa kun Mootummaan waliigaltichi akka raggaasisu yaada murtoo dhiyeessuu Al Jazeeran gabaaseera.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Kaabinee nageenyaan deeggarsa argate kun Kaabinee olaanaaf kan dhiyaatu ta’a jedhame.
Waliigalteen boqonnaa sadiin raawwatamu kun Dilbata dhufuu eegalee hojiitti hiikamuu eegala jedhame.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun Kaabinee Mootummaa biyyattiin kan ragga’u taanaan walwaraansa baatiwwan 15 darbaniif dhiiga dhangalaasaa ture guduunfuu danda’aan abdatama.
Hamaas waliigalticha raggaasisuu ibsuun kan yaadatamuudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.