Fana: At a Speed of Life!

Kirstaaliinaa Joorjiyeev Hojii uumtotaa fi hoggantoota damee daldalaa Itiyoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Daayrektarri Olaantuu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) Kirstaaliinaa Joorjiyeev hojii uumtotaa fi hoggantoota damee daldalaa Itiyoophiyaa waliin marii bu’aa qabeessaa taasisuu ibsan.

Kiristaalinaa Joorjiyeev gama miidiyaa hawaasumma isaanii akka ibsanitti, fooyyessiin diinagdee dhiyeenya taasifame fooyya’iinsa damee ivastimantiif carraa gaarii uuma.

Fooyyessichi guddina damee dhuunfaarrattis jijjiirama olaanaa akka argisiisuuf, hojmaata gibiraa ammayyeessuu fi hordoffii fi deeggarsa damichaa cimsuun akka barbaachisu beeksisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.