Kitaabni “seenaa bunaafi siyaas dinagdee shanan gibee”jedhu eebbifame
Finfinnee, Amajjii 17, 2017(FMC) – Kitaabni “seenaa bunaafi siyaas dinagdee shanan gibee”jedhu kan Gaazeexeessaa Saaliim Aminiin barreeffame eebbifameera.
Kitaabni kun fuula 330 kan qabu yoo ta’uu haala hundeeffama mootoota shanan gibee, siyaasaafi xin sammuu qaroominaa mootoota kanaa kan hammate ta’uu barreessaan kitaabichaa Gaazeexeessaa Saalim Amiin sirnicharratti dubbateera.
Dippiloomaatii olaanaafi jaarsa biyyaa ta’uun kan tajaajilan Akaakayyuu Mootii Abbaa Jufaar Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir sirna eebhichaarratti argamaniiru.
Kitaabileen seenaa yeroo ammaa dargaggootaan barreeffaman dhaloota borii barsiisuuf gahee olaanaa qabaachuu Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir himaniiru.
Sirna eebbaa kanarratti Dooktar Gammachuu Magarsaa dabalatee hayyootni Yuniversitii Jimmaa fi rogeeyyiin garaagaraa argamaniiru.
Abdurrahmaan Mohaammaditu gabaase.
#Oromiyaa #Ethiopia