Komishinichi Ajandaa Naannoo Amaaraa fudhate
Finfinnee, Ebla 4, 2017 (FMC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa Ajandaa Naannoo Amaaraa fudhateera.
Waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu Naannoo Amaaraa Magaalaa Baahir Daaritti Bitootessa 27-Ebla 4, 2017tti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Ajandaa naannichaa Komishinarri Komishinichaa Dooktar Yoonaas Adaayyee fi Komishinar Malaakuu Waldaamariyaam ifatti fudhaniiru.
Waltajjii marii ajandaa walitti qabuu naannichatti guyyoota 7’f gaggeeffamaa turerratti bakka butoonni kuma 6 ol hirmaataniiru.
Adeemsa maricharratti paartileen siyaasaa, Hoggantoonni Mootummaa, namoonni dhiibbaa uumuu danda’an, bakka butoonni hawaasaa fi bakka butoonni dhaabbilee fi waldaalee garaagaraa hirmaataniiru.
Komishinar Malaakuu Waldamaariyaam,qaamoolee waltajjichi milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha taasisaan galateeffataniiru.