Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa magaalaa Dirre Dhawaatti taa’amaa jira
Finfinnee, Guraandhala 15, 2017 (FMC) –Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa magaalaa Dirre Dhawaatti taa’amaa jira.
Kutaaleen hawaasaa garaagaraa konfiraansicharratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’uu, mata duree ‘Waadaa hanga Aadeffannaa’ jedhuun taa’aamaa jira.
Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaa dabalatee hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo maricha dursaa jiraachuu ibsameera.
Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa kun har’a magaalota 25 keessatti kan taa’amu ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia