Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira
Finfinnee, Guraandhala 15, 2017 (FMC) – Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa magaalaa Hawaasaatti taa’amaa jira.
Kutaaleen hawaasaa garaagaraa konfiraansicharratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’uu, mata duree ‘Waadaa hanga Aadeffannaa’ jedhuun taa’amaa jira.
Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofee fi Ministira Tuurizimii Salamaawiit Kaasaa dabalatee hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo maricha dursaa jiraachuu ibsameera.
Konfiraansiin Ummataa sadarkaa biyyaalessaa kun har’a magaalota 25 keessatti kan taa’amu ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia