Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi Teeknooloojii jaarsaa ‘3D’ gara Itiyoophiyaatti galchuufi jedhame

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Koorporeeshiniin Manneen Federaalaa teeknooloojii ijaarsaa 3D gara biyyaatti galchuuf Dhaabbata Ijaarsaa Oostiriiyaa Baawumiit jedhamu waliin waliigalteerra ga’uu ibse.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Koorporeeshinii Manneen Federaalaa Rashaad Kamaal ,hoggantoota olaanoo dhaabbatichaa waliin teeknooloojji maxxansaa 3D akkaataa hojirra oolchuun danda’amurratti Oostiriiyaatti mari’achuu ibsaniiru.

Rashaad Kamaal dabalataniis muxxannoo qoodachuuf agarsiisa Idil Addunyaa maashina Teeknooloojii Ijaarsaa Jarman Muunikitti gaggeeffameerratti hirmaataniiru.

Koorporeeshinichi kanaan dura teeknooloojji Ijaarsaa Almuniyeemii Ooviid waliin ta’uun Kooriyaa Kibbaarraa fichiisisuun bal’inaan hojirra oolchaa jiraachuun ibsameera.

Teeknooloojii ijaarsaa Maxxansaa Dhaabbata Wankoo Itaalii waliin ta’uun hojirra oolchuuf hojjechaa jiraachuun eerameera.

Koorporeeshinichi teeknooloojii ammayyaa Indaastirii Ijaarsaa Itiyoophiyaaf yeroo 3ffaaf kan beeksise ta’uunis ibsameera.

Teeknooloojiin kun fedhii teeknooloojii ijaarsa ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti guddachaa dhufee fi hanqina dhiyeessii teeknooloojii ijaarsaa damichaan mul’atu furuuf gahee olaanaa qabaachuu ragaan Koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.