Koreen Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii gaggeessuu eegale
Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Koreen Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa dhimmoota ijoo biyyaalessaafi dhimmoota paartiirratti xiyyeeffatan irratti walga’ii gaggeessuu eegaleera.
Walga’ichi har’a waaree booda irraa eegalee guyyoottan itti aanan 2 kan gaggeeffamu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad miidiyaa hawaasummaa isaaniin ifoomsaniiru.