Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Galaan Guddaatti giddugalli gabaa hirmaannaa uummataan Birrii miiliyoona 79 oliin ijaarame eebbifame

Finfinnee, Ebla 9, 2017(FMC)- Buchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti giddugallii gabaa ammayyaa hirmaannaa uummataa Birrii miliyoona 79 fi kuma 200 oliin ijaarame eebbifameera.

Giddugalli gabaa kun walitti hidhamiinsa gabaa uumuun qaala’insa gabaa tasgabbeessuufi faddaaltota gidduu baasuun cancala gabaa gabaabsuun qonnaan bulaafi hawaasa fayyadamaa taasisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Bariisoo Tamasgeen himaniiru.

Giddugalichi hirmaannaa Uummataa Birrii miliyoonaa 79 fi kuma 200  kan ijaarame ta’uufi suuqiiwwan 288  akka qabu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame.

Gurgurtaan kuduraafi muduraa, Beeladaafi bu’aawwan Beelladaa, mi’eessituuwwan garaagaraafi uffannaa aadaa dabalatee  tajaajilli kaafteeriyaa giddugalichatti kan kennamuu tahuunis ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.