Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Inisheetiiviin misooma beelladaa dubartootan hojjatamaan daawwataman
Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) – Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti guyyaa Dubartootaa Addunyaa sababeeffachuun Inisheetiiviin misooma beelladaa dubartootan hojjatamaan daawwatamaniiru.
Guyyaan Dubartoota Addunyaa “March 8” akka Addunyaatti yeroo 114ffaaf akka Itiyoophiyaatti ammo yeroo 49ffaaf mata duree “mirga walqixxummaafi gahoominaa dubartoota hundaaf” jedhuun Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti sagantaalee garaa garaan kabajamaa jira.
#Oromia #Ethiopia