Fana: At a Speed of Life!

Baankichi Baatiwwan torban darban Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 3 ga’u walitti qabame

Finfinnee, Amajjii 26, 2017 (FMC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa baatiwwan torban darban Kuufama Maallaqaa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 3 ga’u walitti qabuu beeksise.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa raawwii walakkaa waggaa bara hojii 2017 gamaaggamaa jira.

Kuufamni Maallaqaa baankii Daldala Itiyoophiyaa Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 3 caaluu walitti qabamuu Pireezidaantiin baankichaa Abbee Saannoon eeraniiru.

Waliigala Kuufamni Maallaqaa baankichaa Birrii Tiriiliyoona 1.4 gahuu himaniiru.

Milkaa’ina argame kanaafis warra qooda qaban hunda galateeffachuun,Sharafa alaa daran maddisiisuuf xiyyeeffannaan hojjechuun akka barbaachisus eeraniiru.

Hundaa ol kenna tajaajila maamilootaa fi dijiitaalaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamuu akka qabu obbo Abbeen hubachiisuu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.