Lafa hektaara kuma 30 irratti Baala Shaayii misoomsuuf hojjatamaa jira jedhame
Finfinnee, Amajjii 17, 2017(FMC) – Lafa heektaara kuma 30 irratti Baala Shaayii misoomsuuf hojjatamaa jiraachuun ibsame.
Itiyoophiyaan misooma baala shaayiitiif kan oolu lafa hektaara miiliyoona 4 kan qabdu ta’uus lafa heektaara kuma sadii qofa irratti baalli shaayii misoomaa turuu Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayiitti Itti Aanaan Daayrektara damee Shaayiifi Mi’eessituu Obbo Taagaay Nuuruun dubbataniiru.
Damicharraa waggaatti galii Doolaara miiliyoona 1 hin caalle argataa turte jedhan.
Galii damecharraa argamu guddisuuf waggoota 3 keessatti lafa hektaara kuma 30 irratti Baala Shaayii misoomsuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Bara darbe lafa hektaara kuma 3 irratti biqiltuun Baala Dhaayii misoomuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun himaniiru
Misooma damichaa caalmaatti babal’isuuf qophiin iddoofi biqiltuu bal’inaan raawwatamaa jira jedhan
Misooma Baala Shaayii ogummaan deeggaruufis leenjiin leejiftootaa magaalaa Jimmaatti, ogeeyyii qonnaf kennamaa jira.
Abdurrahmaan Mohaammaditu gabaase.
#Oromiyaa #Ethiopia