Lakkoofsi namoota bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamanii miiliyoona 76 ga’uun eerame
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Baatiwwan salgan darban keessa gama dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fi anniisaan hojiileen bu’aa qabeeyyiin hojjetamuu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaan ibsan.
Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaan gama dhiyeessii Bishaan dhugaatii qulqulluu fi Anniisaan hojiilee baatiwwan salgan darban keessa raawwataman ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluun hojiileen baadiyyaa fi magaalaatti hojjetaman jajjabeessaa ta’uu himaniiru.
Yeroo ammaa lakkoofsi namoota bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamanii miiliyoona 76 ga’uu eeraniiru.
Dhiyeessii anniisaanis walqabatee iddooleen Giriidii oolaanaarraa fageenyarratti argaman anniisaa Aduurraa tajaajila elektirikaa akka argatan taasiifamuu dubbataniiru.
Hojiin meeshaalee anniisaa qusatanii waliingahuus xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeruun, yeroo ammaa lammiileen miiliyoonni 22 fayyadamoo ta’uu Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaan dubbachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia