Lammiileen Itiyoophiyaa 203 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa galan
Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)- Lammiileen Itiyoophiyaa rakkoo keessa turan 203 Saa’ud Arabiyaarr gara biyyaatti deebi’aniiru.
Deebitoota kanneen keessaa 151 dhiirota, 36 dubartootaa fi 16 daa’imman reef dhalatan yoo ta’an, guddattoonni umrii 18 gadii 18 ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Lammileen kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti, deeggarsaa fi kunuunsa barbaachisaa taasisuufiin, hojiin maatii isaaniin quunnamsiisuu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Baatii Eblaa 2016 hojiilee lammiilee gara biyyaatti deebisuu eegalameen hanga ammatti lammiileen kumni 90 fi 916 gara Itiyoophiyaatti deebi’uun eerameera.
#AU #Oromia #Ethiopia