Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa kumni 1 Saa’uud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 gara biyyaa deebi’aniiru.

Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ambaasaaddar Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaamii fi Dubbii Himaana Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetachoon deebitoota kanneen simataniiru.

Lammiilee Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuun har’a marsaa 4ffaan ifatti eegaluu Ambaasaaddar Nabiyaat ibsaniiru.

Har’aa eegalee torbeen balalliiwan 9’n hojiin lammiileen kanneen gara biyyaa deebisuu kan hojjetamu ta’uus himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.