Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turan 32 gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turan 32 gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksisee.
Mootummaan hojii Dippiloomaasii lammileerratti xiyyeeffate hojjeteen lammiileen kunneen gara biyyaa akka deebi’an taasiifamuu ibseera.
Lammiileen Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turuun gara Taayilaandi ce’an 133 keessaa 32 har’a kan deebi’an ta’uu fi 43 ammoo har’a halkan ni deebi’uun eegama.
Lammiilee Taayilaandi jiran 58 hafanis gara biyyaa deebisuuf tattaaffiin taasiifamaa akka jiru ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia