Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turan 43 gara biyyaa deebi’ana
Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC) – Hojii Diippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffatee hojjemaa jiruun Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa turan 43 gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa himeera.
Embaasiin Itiyoophiyaa Hinditti argamu tattaaffii taasisaa tureen lammiileen kunneen nagaan gara biyyaa akka deebi’an ta’uu ibseera.
Haaluma walfakkaatuun Embaasiin Itiyoophiyaa Jaappaanitti argamus lammiilee Itiyoophiyaa Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa jira Taayilaanditti ceesisuun gara biyyaa akka deebi’aniif hojjechuu jiraachuus himeera.
#Oromia #Ethiopia