Lammiileen kumni 3 fi 367 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Ebla 5, 2017(FMC)- Lammiileen kumni 3 fi 367 Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa beeksise.
Lammiileen kunneen torban kana keessa balallii 9 gara biyyaa kan deebi’an ta’uufi hundi isaanii dhiirota ta’uun eerameera.
Sagantaa Bitootessa 3, 2017 marsaa 4ffaan, lammiilee haala rakkisaa keessa jiran kuma 50 gara biyyaa deebisuuf karoorfamee keessaa kumni 15fi 684 gara biyyaa deebi’uun ibsameera.
Lammiilee gara biyyaa deebi’aniif buufata xiyyaaraafi giddugaloota tursiisaatti deeggarsiifi kunuunsi taasifamaa jiraachuufi hojiin maatii waliin walitti makuu hojjetamaa akka jiru ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.