Lammiileen kumni 3 fi 539 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebi’an
Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 3 fi 539 torban kana gara biyyaatti deebi’aniiru.
Deebitoota kanneen keessaa kumni 2 fi 999 dhiiroota yoo ta’an, 501 dubartoota, 39 daa’imman reef dhalataniifi 105 immoo guddatoota umrii waggaa 18 gadii ta’uun ibsameera.
Bitootessa 3, 2017 irra eegalee Lammiilee kuma 50 gara biyyaatti deebisuuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun hanga ammatti lammiilee kuma 8 fi 917 gara biyyaatti deebi’u ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarra argame ni mul’isa.