Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin Hoggantootaa fi Ogeeyyii Miidiyaa fi Kominikeeshinii Naannoo Sidaamaatti kennamaa jira

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Leenjiin Hoggantootaa fi Ogeeyyii Miidiyaa fi Kominikeeshinii Naannoo Sidaamaatti kennamaa jiraachuun ibsame.

Leenjichi Paartii Badhaadhinaa Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaan kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Leenjicharratti Itti Gaafataman Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan haasawaa taasisanin, Itiyoophiyaatti ummattoota gidduutti tokkummaan, Walitti dhiheenyi, Obbolummaan, walitti hidhamiinsi seenaa fi seennessaa cimaa dhufuu dubbataniiru.

Taatee tokko hordofee humnonni jeequmsaa ta’e jedhanii haasawa jibbiinsaa tamsaasuun tokkummaa fi Obbolummaa biyyattii diiguuf hojjechaa jiraachuu eeruun, dhugaa fi beekumsaan injifachuun barbaachiisadha jedhan.

Hoggansii fi Ogeessi dhugaa fi beekumsaa qabuun humnoota ummata walitti buusuuf socho’anirratti qabsaa’uu qabas jedhan.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Sidaamaa Obbo Abrahaam Maarshaalloo gamasaaniin, faayidaa fi kabaja biyyaa dursuun, odeeffannowwan sobaa tatamsa’an dhugaa fi beekumsaan mo’achuun barbaachiisaadha jedhan.

Haala mijataa barri fi teeknooloojjin uume badhaadhina biyyaafi dhaabbileef oolchuun barbaachisa ta’uu ibsuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

Leenjichi guyyoota sadiif kan kennamu ta’uunis eerameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.