Leenjiin hoggantootaafi ogeeyyii kominikeeshiniifi hariiroo uummataaf kennamaa ture xumurame
Finfinnee, Ebla 3, 2017(FMC)- Leenjiin ijaarsa dandeettii qindeessummaa Damee Hariiroo Uummataa fi Idil-aadunyaa Paartii Badhaadhinaan hoggantootaafi ogeeyyii kominikeeshiniifi hariiroo uummataaf kennamaa ture xumuramuu ibsame.
Waltajjicharratti Ministira Itti gaafatamaa Damee Hariiroo Uummataafi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa dabalatee hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.
Leenjichi ogeeyyii beekumsaafi gahumsa gonfatan horachuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsameera.
Leenjicharratti dhimmoonni kominikeeshiniifi hariiroo uummataarratti beekumsaafi hubannoo uumuu danda’an ka’uu eerameera.
Hoggantootaafi ogeeyyii damichaaf faayidaa guddaa kan qabu ta’uus ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.