Fana: At a Speed of Life!

Leenjitoonni Hokkora bittinneessaafi poolisii idilee nageenya cimsuuf  gahumsa barbaadamu irratti kan argaman ta’uun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 ( FMC)- Leenjitoonni Hokkora bittinneessaafi poolisii idilee naannoo Amaaraa qophaa’ummaa naannicharra darbee  nageenya biyyaa eegsisuu dandeessisu irratti kan argaman ta’uu Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa ibse.

Hogganaan Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa Obbo Dassaalanyi Xaasawu, Mana Barumsaa Leenjii Bu’uuraa Loltummaa Birri Shalaqootti argamuun leenjitoota jajjabeessuun kaayyoo leenjichaarratti ibsa kennaniiru.

Leenjitoonni nageenya naannichaa waaressuun uummanni rakkoo keessaa bahee gara misoomaatti akka deebi’uuf itti gaafatamummaa guddaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Kaayyoon leenjichaa leenjitoota naamuusa loltummaa gonfatan akkasumas xiin-sammuun jabaataniifi dandeettii mataa isaaniin nageenya naannichaa mirkaneessuu danda’an horachuu akka ta’e dubbatan.

Leenjitoonni kunneen qophaa’ummaa naannicharra darbee nageenya biyyaa eeguu dandeessisurratti kan argaman ta’uu kaasuu isaanii AMCn gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.