Fana: At a Speed of Life!

Maaddii qooduun jaalalaa fi kabaja Jiraattotaaf qabnu kan ittiin ibsinuudha-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Maaddii qooduun jaalalaa fi kabaja jiraattotaaf qabnu kan ittiin ibsinuu fi aadaa waliif yaaduu kan ittiin guddisnu yaadama hojii namarratti xiyyeeffateef agarsiistuudha jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Kantiibaa Adaanech ayyaana sooma hiikaa sababeeffachuun lammiilee galii gadi aanaa argataniifi rakkoolee hawaasummaaf saaxilaman kutaalee magaalichaa hundarraa walitti babba’an kuma 200‘f maaddii qoodu gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Maaddii qooduun jaalalaa fi kabaja jiraattotaaf qabnu kan ittiin ibsinuu fi waliif yaaduu kan ittiin guddisnuudha jedhan.
Aadde Adaanech Abbootii qabeenyaa, dhaabbilee garaagaraa fi dargaggoota tola ooltoota hojii kanarratti hirmaatan galateeffataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.